قُلْتُ لَمَّا غَابَ عَنِّي
Yommuu inni na duraa bade nanjedhe
Om
قُلْتُ لَمَّا غَابَ عَنِّي
نُورُ مَرَاكَ الْمَصُون
Nan jedhe yeroo na jalaa dhokatu
ifni bareedina kee isa tikfamee
شَفَّنِي وَاللَّهِ سُقْمٌ
فِيهِ قَدْ ذُقْتُ الْمَنُونَ
Wallahitti, dhibeen na huqqiseera
isa keessattis du'uma dhandhameera
وَعُيُونِي مِنْ نَحِيبٍ
جَارِيَاتٌ كَالْعُيُون
Ijji kiyya boo'icha hadhaawaa irraa
akka burqituu bishaanii yaa'aa jirti
وَجُفُونِي مَا كَفَاهَا
مَا جَرَى حَتَّى جَفُون
Kukkuun ija kiyyaa imimmaan dhangala'een hin quufne
hamma isaan mataan isaanii goganitti
هَامَ قَلْبِي زَادَ وَجْدِي
فَمَتَى وَصْلَكْ يَكُونُ
Onneen kiyya jaalalaan joorte, kajeellan kiyyas dabalte
yoom walitti dhufni keenya ta'a?
غَابَ عَنْ عَيْنِي ضِيَاهَا
يَا قَمَرَ دَارِي الْعُيُون
Ifni ija kiyya duraa badeera
yaa addeessa bareedduu, ija kiyyaaf qabbana fidi