عَلَى الْعَقِيقِ اجْتَمَعْنَا
Al-Aqiiq irratti walitti qabamne
Om
عَلَى الْعَقِيقِ اجْتَمَعْنَا
نَحْنُ وَسُودُ الْعُيُونِ
Sulula Al-Aqiq irratti wal geenyee
Nutii fi warra ija gurraachaa
مَا ظَنِّ مَجْنُونَ لَيْلَى
قَدْ جُنَّ بَعْضَ الْجُنُونِ
Maraataa Laylaa maaltu sitti fakkaata?
Inni muraasa qofa maraate
فَيَا عُيُوني عَيَوْنِي
وَيَا جُفُونِي جَفَوْنِي
Ya ija koo isaan na dadhabsiisani
Ya ija-duuphaa koo isaan na gatan
وَيَا قُلَيْبِي تَصَبَّرْ
عَلَى الَّذِي فَارَقُونِي
Ya onnee koo obsi
Warra narraa adda ba'an irratti
فَارَقْتُهُمْ يَوْمَ الاِثْنَيْنِ
صُبْحَ الثَّلَاثَا وَاحِشُونِي
Guyyaa Wiixataa isaanirraa adda ba'e
Ganama Kibxataa na yaaddessan
هُمْ سَادَةٌ خَلَّفُونِي
أَبْكِي دَماً مِنْ عُيُونِي
Isaan gooftolii na dhiisaniidha
Ija koo irraa dhiiga nan booya
بَكَيْتُ حَتَّى رَثَانِي
الْطَّيْرُ فَوْقَ الْغُصُونِ
Hamma simbirri damee irraa naaf gadditutti
Nan booye
بِاللهِ إِنْ مُتُّ شَوْقاً
بِأَدْمُعِي غَسِّلُونِي
Rabbitti kakadhee, yoo yaada kootiin du'e
Imimmaan kootiin na dhiqa
نُوحُوا عَلَيَّ وَقُولُوا
هَذَا قَتِيلُ العُيُونِ
Naaf booyaa jedhaas
"Kun kan ija suniin ajjeefameedha"
مَا زِلْتُ حَوْلَ الْمَطَايَا
أَقُولُ بِاللهِ احْمِلُونِي
Ammallee gaalota fe'umsaa bira nan tura
Rabbitti kakadhee na baadhaa nan jedha
إِلَى مَنَازِلِ قَوْمِي
سَارُوا وَمَا وَدَّعُونِي
Gara mana qomoo kootiitti
Na dhiisanii deemun nagaan na hin jenne
رُوحْ يَا رَسُولِي إِلَيْهِمْ
سِرْعاً وَقَبِّلْ يَدَيْهِمْ
Ya ergamaa koo gara isaanii deemi
Ariitiidhaan harka isaanii dhungadhu
وَاقْرَأْ سَلَامِي عَلَيْهِمْ
لَعَلَّهُمْ يَقْبَلُونِي
Nagaa koo isaaniif dhiyeessi
Tarii na fudhatu ta'a
جَانِي الْرَّسُول وَهُوَ يَضْحَكْ
وَقَالَ أَبْشِرْ بِصُلْحِكْ
Ergamaan koo koflaa natti dhufe
"Araara keetiin gammadi" naan jedhe
وَحَيَاةِ عَيْشِكَ وَمِلْحِكْ
هُمْ بِالوِصَالِ وَاعَدُونِي
Kakuu jireenya keetii fi soogidda keetiin
Isaan wal argiinsaaf waadaa naaf galan