مَا مَعِي وَجَهْ قَابِل بِهْ سِوَى حُسُنْ ظَنِّي
Abdii gaarii ani sitti qabu malee, waan fullee kee ittiin dhaabbadhu hin qabu.
Om
مَا مَعِي وَجَهْ قَابِل بِهْ سِوَى حُسُنْ ظَنِّي
فِيكْ يَا رَبِّ فَارْحَمْنِي وَلَا تَمْتَحِنِّي
Fuula sitti deebi'uun hin qabu abdiikoo qulqulluu malee
Yaa Gooftaa koo naaf maari qormaatatti na hin galchin
تُبْتْ يَا رَبِّ فَاقْبَلْ تَوْبَتِي وَاعْفُ عَنِّي
وَامْحُ ذَنْبِي وَسَامِحْ كُلَّ تَقْصِيرْ مِنِّي
Ya Gooftaa koo naaf araami tawbaa koo naaf fudhu
Cubbuu koo naaf haqii hir'ina koo hunda naaf dhiisi
خِفِتْ مِنْ عَاقِبَةْ أَمْرِي فَجُدْ لِي بِأَمْنِي
مَحِضْ فَضْلٍ وَإِحْسَانٍ وَجُودٍ وَمَنِّ
Booddee dhimma kootiin sodaadheeti nagaa naaf laadhu
Arjummaa, tolaa fi qananii kee qulqulluun
آه مِنْ عَثْرَتِي يَا رَبِّ مِنْهَا أَقِلْنِي
زَادْ ذَنْبِي وَمِنْ كُثْرِ الْخَطَا حَارْ ذِهْنِي
Wayyoo gufuu kootiif yaa Gooftaa koo irraa na ol kaasi
Cubbuun koo baay'atee dogoggora hedduun sammuun koo jaanjaye
أَدْرِكْ أَدْرِكْ بِتَعْجِيلِ الْفَرَجْ وَانْتَقِدْنِي
وَاعْطِنِي عِلِمْ مِنْكَ يَا إِلَهِي لَدُنِّي
Na dhaqqabi ariitiin furmaata naaf fidi na baraari
Beekumsa bira kee jiru yaa Waaqayyo koo naaf kenni
يَنْجَلِي بِهْ عَنِ الْقَلْبِ الْصَّدِى كُلَّ رَيْنِ
ياَ سَمِيعَ الْدُّعَاءْ سَلْكَ اسْتَجِبْ وَاسْتَمِعْنِي
Inni onnee irraa xuraawaa fi haguuggaa hunda fageessu
Yaa dhaga'aa kadhannaa, naaf oowwadhu na dhaga'is
مَا لِي إِلَّا أَنْتَ مُعْطِي
مَا لِي إِلَّا أَنْتَ مُغْنِي
Si malee kan naaf kennu hin qabu
Si malee kan na duroomsu hin qabu