صَفَتِ النَّظْرَهْ
Ilaalchi Ni Qulqullaa'e
Om
Om
صَفَتِ النَّظْرَهْ طَابَتِ الْحَضْرَةْ
جَاءَتِ الْبُشْرَى لِأَهْل اللهِ
Mul’atni qulqullaa’e, walgayichi mi’aaye
Gammachuun guddaan dhufeera namoota Allaahaatiif
قَامُوْا سُكَارَى لِذِي الْبِشَارَه
جَعْلَوْا عِمَارَهْ شُكْراً لِلّهِ
Akka machaa’aniitti oduu gammachuutiif ka’an
Galata Allaahaatiif zikriin bakka sana guutan
أَيُّهَا الْحَاضِرْ اُذْكُرْ وَذَاكِرْ
إِيَّاكَ تُنْكِرْ حَالَ أَهْلِ اللهِ
Yaa kan as jirtu, yaadadhu yaadachisisis
Haala namoota Allaahaa mormuu irraa of eeggadhu
فَسَلِّمْ لَهُمْ فِيمَا عَرَاهُمْ
وَاعْلَمْ أَنَّهُمْ غَابُوْا فِي اللهِ
Waan isaanitti dhufeef harka kenniif
Isaan Allaahaa keessatti baduu isaanii beeki
فَالْوَجْدُ بِهِمْ دَاعِيْ يَدْعِيْهِمْ
يَطْرَأْ عَلَيْهِمْ فِيْ ذِكْرِ اللهِ
Wajdiin waamaa isaan waamudha
Zikrii Allaahaa keessatti isaanitti dhufa
وَمَنْ لَمْ يَجِدْ فَلْيَتَوَاجَدْ
قَصْداً يَتَعَرَّضْ لِفَضْلِ اللهِ
Namni wajdii hin arganne haa yaalu
Tola Allaahaa argachuuf of haa saaxilu
هَكَذَا قَالُوْا وَلِذَا مَالَوْا
وَلَقَدْ غَالُوْا فِي ذِكْرِ اللهِ
Akkas jedhan, kanaafis raafaman
Zikrii Allaahaa keessatti hamma dabran
حَتَّى قَدْ ظَنَّا مَنْ لَيْسَ مِنَّا
أَنَّا جُنِنَّا بِذِكْرِاللهِ
Hamma namoonni nu keessaa hin ta’in yaadanitti
Nutti maraateera zikrii Allaahaatiin jedhanii
هَنِيْئاً لَنَا ثُمَّ بُشْرَانَا
إِنْ كَانَ لَنَا حُمْقٌ فِي اللهِ
Gammachuun nuuf haa ta’u, baga nuuf ta’e
"Maraachun" keenya yoo Allaahaa keessatti ta’e