أَلْفٍ صَلَّى الله عَلَى زَيْنِ الْوُجُودْ
Rahmanni Rabbii kumni Bareedina Uumamaa irratti haa jiraatu.
Om
أَلْفٍ صَلَّى الله عَلَى زَيْنِ الْوُجُودْ
مَنْ سَكَنْ طَيْبَة وَخَيَّمْ في زَرُودْ
Eebbi Rabbii kumaatamni miidhaga uumamaa irratti haa jiraatu
Isaan Xayiba keessa jiraatanii fi Zaruud keessa qubatan irratti
يَا بُدُورَ الْحَيِّ يَا رَبْعَ الْكِرَامْ
بَلِّغُو ظَبْيَ الْحِمَى مِنِّي السَّلَامْ
Yaa ji’oota guutuu gandaa, yaa teessuma warra arjaa
Nagaa koo kuruphee iddoo qulqulluu sanaan naaf gahaa
إِنْ تَهَتَكْنَا عَلَيْكُمْ لَا نُلَامْ
غَلَبَ الْوَجْدُ عَلَيْنَا وَ الْغَرَامْ
Yoo jaalalli keessan nu saaxile nu hin komatinaa
Hawwii fi jaalala xaliilaatu nu mo’ateera
لَا يَنَامُ اللَّيْلَ عَاشِقْ مُسْتَهَامْ
إِنَّمَا النَّومُ عَلَى الْعَاشِقْ حَرَامْ
Jaalalleen gubate halkan hin rafu
Hirribni nama jaalalaan waxalame irratti dhowwaadha
سَادَتِي إِنْ لَمْ تَحِنُّو بِاللِّقَا
مِتُّ وَجْدًا فَلَكُمْ طُولُ الْبَقَاء
Gooftolii koo, yoo wal-argiinsaan nuuf hin mararfanne
Hawwiidhaan nan du’a, isiniif immoo barri haa dheeratu
أَنَا إِنْ لَمْ أَهْوَا غِزْلَانَ النَّقَاء
أَيُّ فَرْقٍ بَيْنَ قَلْبِي وَ الْجَمَادْ
Ani yoon kuruphee Naqaa hin jaallanne
Garaagarummaan onnee kootii fi dhagaa gidduu jiru maali?
آنَسَ اللهُ بِكُمْ أَوْقَاتَنَا
وَسَقَى وَادِيكُمُ فَيْضَ الْغَمَامْ
Rabbiin isiniin yeroo keenya haa mamsiisu
Sulula keessan immoo bokkaa dhangala’uun haa obaasu