Om
الله الله الله الله سَيَّدِي الله
الله الله الله اَلْعَظِيْمُ الله
Allah Allah Allah Allah Gooftaa koo Allah
Allah Allah Allah Isa Guddaa Allah
أَيَا مُرِيْدَ اللهُ نُعِيدْ لَكْ قَوْلِ اصْغَهْ
إِذَا تَفْهَمْ قَوْلِي بِهِ تَصِلْ لِلّهْ
Yaa Muriid karaa Rabbii, jecha koo siif irra deebi'aa dhagayi
Yoo jecha koo hubatte isaan gara Allah geessa
عَلَيْكَ يَا مُرِيدْ بِخَمْرَةِ التَّوْحِيدُه
وَإِنْ تَبْغِ الْمَزِيدْ فَالْغَيْرُ عَنْكَ انْسَهْ
Yaa Muriid wayinii tokkichummaa (Tawhiidaa) dhandhamuun sirra jira
Yoo dabalata barbaadde kan biraa mara dagadhu
فَاذْكُرْ الاسْمَ الْأَعْظَمْ وَاطْوِ الْكَوْنَ تَغْنَمْ
وَخُضْ بَحْرَ الْقِدَمْ فَذَاكَ بَحْرُ الله
Maqaa Guddaa dhahi, uumama mara xumuriitii bu'aa argadhu
Galaana bar-dhufeenyaa lixi, sun galaana Allah ti
وَخُضْ بَحْرَ الْأَنْوَارْ وَالْمَعْنَى وَالْأَسَرَارْ
وَافْنِ هَذِي الدِّيَارْ يَبْلُغْ قَلْبُكْ مُنَاهْ
Galaana ifaa, hiikaa fi iccitii keessa lixi
Ganda jireenyaa kana keessatti badii onneen kee hawwii ishee haa gartu
وَلْتَفْنَ في الْمَعْبُودْ تَذُوقْ مَعْنَى الشُّهُودُ
إِذْ لَيْسَ ذَا الْوُجُودْ إِلَّا مِنْ نُورِ الله
Gooftaa gabbaramu keessatti badii hiika ragaa dhandhami
Jireenyi kun hundi ifa Allah irraa malee waan biraa miti
الْمُلْكُ وَالْمَلَكُوتْ كَذَاكَ الْجَبَرُوتْ
فَكُلُهَا نُعُوتْ وَالذَّاتُ مُسَمَّاهُ
Mootummaan lafaa, kan samii fi kan aangoo guddaa
Hundi isaanii sifaata (amaloota), Inni immoo abbaa maqaa ti
فَغِبْ عَنِ الصِّفَاتْ وَافْنَ في ذَاتِ الذَّاتْ
هَذِي تَلَوُّنَاتْ مَصِيرُهَا لِلِهُ
Sifaata irraa fagaadhuu Dhaata Dhaataa keessatti badi
Kunneen jijjiirama halluuti, deebiin isaanii gara Allah qofa
إِلَيْهِ الْمُنْتَهَى وَمِنْهُ الْمُبْتَدَا
وَالْآنَ قَدْ بَدَا وَالْكَوْنُ فِي حُلَاهْ
Xumurri gara isaatti, jalqabnis isuma irraayi
Amma mul'atee jira, uumamni marti bareedina isaatiin uffatameera
لَهُ الْكَوْنُ مِرْآتْ وَمَظْهَرُ الصِّفَاتْ
مُحَمَّدْ نُورُ الذَّاتْ عَلَيْهِ صَلَّى الله
Uumamni isaaf daawwitii dha, bakka sifaanni isaa itti calaqqisu
Muhammad ifa Dhaataati, isarratti eebbi Allah haa jiraatu
الْعَلَاوِيْ يَقُوْلْ قَوْلًا مِنْهُ مَقْبُولُ
تَهِيْمُ بِهِ الْعُقُولْ تَغِيبْ فِي ذَاتِ الله
Al-Alawiin jecha fudhatama qabu dubbata
Sammuun keessatti baddaatti, Dhaata Allah keessatti dhabamti