مِنْ جَمَالِ الْكَوْنِ خَمْرِي
Bareedina Addunyaa Irraayi Wayiniinkoo
Om
مِنْ جَمَالِ الْكَوْنِ خَمْرِي
ذَقْتُهُ صِرْفاً حَلَالَا
Bareedina uumamaa irraayi daadhiin koo
Qulqulluu isaa dhamdhame, inni halaala
وَهْوَ مِنْ أَوْصَافِ بَدْرِي
قَدْحَوَى ذَاكَ الْجَمَالَا
Inni amaloota ji’a kootii irraayi
Bareedina sana hunda of keessatti hammate
وَجْهٌ قَدْ لَاحَ سَنَاهْ
وَالْكَوْنُ غَدَا مِرْآهْ
Fuula ifni isaa mul’ate
Uumamni hundi daawwitii isaa ta’e
إِنْ رُمْتَ فُؤَادِي لِقَاهْ
فَاجْعَلْ هَوَاكَ هَوَاهْ
Onnee koo yoo isa argachuu feete
Fedhii kee fedhii isaa taasisi
أَنَا بِالْرُّوْحِ سَمَاءُ
أَنَا بِالْجِسْمِ هَبَاءُ
Ani ruuhii kootiin samiidha
Qaama kootiin immoo awwaara
أَنَا زَهْرٌ أَنَا مَاءُ
تِهْتُ مِنْ وَجْدِي دَلَالَا
Ani abaaboodha, ani bishaani
Gammachuu guddaa kootiin baddeera
وَالْرُّوْحُ رَقَى مَرْقَاهْ
وَالْقَلْبُ غَدَا يَرْعَاهْ
Ruuhiin gara sadarkaa ishee ol-aanaatti ol baate
Onneen ishee eeguu fi tiksuutti ka'e
وَالْجِسْمُ سَعَى مَسْعَاهْ
لِيَنَالَ بِذَاكَ مُنَاهْ
Qaamnis karaa isaa ariitiin deemsise
Ittiin hawwii isaa dhumaa argachuuf
يَا عَذُوْلاً لَامَ جَهْلاً
مُغْرَماً قَدْ نَالَ وَصْلَا
Ya nama wallaalummaan komattu
Jaallataa wal-argii dhugaa argate
إِنْ تَلُمْ صِدْقاً سَتُبْلَى
وَتَذُوْقُ الْحُبَّ حَالاَ
Yoo dhugaan komatte ati ni qoramta
Akkasumas jaalala kana yeruma sana dhamdhamta
بِفَنَائِكَ عَنْ سِوَاهْ
تَأْوِيْ لِفِنَاءِ بَقَاهْ
Isa malee waan biraa irraa dhabamuun keetiin
Bal'ina itti fufiinsa isaa keessa qubatta
وَبِبَرْدِ شَرَابِ رِضَاهْ
يُطْفِي الْفُؤَادُ جَوَاهْ
Qabbana dhugaatii jaalala isaatiin
Gubaan onnee ni dhaama
صَلَوَاتُ اللهِ تُهْدَى
مِنْ جَمِيْعِ الْطِّيْبِ أَنْدَى
Rahmanni Rabbii haa kennamu
Urgooftuu hundumaa irra kan urgaayu
لِرَسُوْلٍ قَدْ تَبَدَّى
نُوْرُهُ يَمْحُو الْضَّلَالَا
Ergamaa mul’ate irratti
Kan ifni isaa jallina hunda balleessu
بِسَلامٍ لا يَتَنَاهْ
وَالْاَلِ أُهَيْلِ الْجَاهْ
Nagaa hin dhumneen
Maatii isaa warra sadarkaa ol-aanaa qaban irratti
وَالْصَّحْبِ وَمَنْ وَالَاهْ
وَجِيْعِ رِجَالِ الله
Sahaabota isaa fi warra isaan hordofaniif
Akkasumas dhiirota Rabbii hundaaf