رَسُولَ إِلَهِ الْعَالَمِينَ تَعَالَى
Ergamamaa Gooftaa Alamootaa Isa Ol-aanaa
Om
Om
رَسُولَ إِلَــهِ الْعَالَمِيـــــنَ تَعَالَـى
خَدِيمُكَ نَادَى يَا رَسُولُ تَعَـــالاَ
Yaa Ergamaa Gooftaa aalamootaa ol ta'ee
tajaajilaan kee waameera, yaa Ergamaa dhihaadhu!
خَدِيمُكَ نَادَى يَا رَسُولُ فَلاَ أُرَى
فَقِيرًا إِلَى غَيْــرِ الْإِلَـــهِ تَعَالَــى
Tajaajilaan kee waameera yaa Ergamaa, akka hin argamneef
hiyyeessa ta'ee Rabbii ol ta'een ala
خَدِيمٌ بِأَقْصَى الْغَرْبِ يَدْعُو مُحَمَّــدًا
وَلَيْسَ يَرَى غَيْرَ الْرَّسُـــولِ ثِمَـالاَ
Tajaajilaa dhiha fagootti Muhammadin waama
Ergamaa malee kan biraa akka dahoo isaa hin argu
خَدِيمٌ ثَـوَى بِالْبَابِ وَهْــــوَ مُؤَمِّــلٌ
إِيَابًا كَرِيمًــــا وَهْـوَ جَيْــرِ أَطَــالاَ
Tajaajilaa balbala irra ture abdii qabaachaa
simannaa kabajamaa, dhugumatti yeroo dheeresseera
تَصَاغَرَ عِنْدِي غَيْرُ أَحْمَــدَ إِنَّنِــي
أُرَجِّي مِنَ الْهَــادِي الْعِبَــادِ مَنَـالاَ
Ahmad malee kan biraa ija koo duraatti xiqqaate
Qajeelchaa garbotaa irraa kennaa guddaan abdadha
كَرِيمَ الْسَّجَايَا وَاسِعَ الْجُودِ مَا تَرَى
لِضَيْـــــفِ كَرِيــمٍ قَــدْ أَجَادَ مَقَــالاَ
Amala gaarii fi arjummaa bal'aa qabeessa, maal jitta
keessummaa Arjaa dubbii isaa bareecheef
فَهَبْهُ عَلَى مِقْدَارِ كَفِّــكَ مُصْطَفَى الْ
بَرَايَــا عَطَاءً لاَ يَخَــافُ زَوَالاَ
Hamma harka kee arjaatti isaaf kenni yaa filatamaa
uumamaa, kennaa baduu hin sodaanne
فَفِي كُلِّ حَيٍّ قَدْ خَبَطْتَ بِنِعْمَــةٍ
وَإِنِّي كَشأْسٍ قَــدْ أَرُومُ نَــوَالاَ
Lubbu qabeeyyii hunda keessatti ni'maa lachifteetta
ani immoo akka kadhataa arjummaa kee hawwa
عَلَيْكَ صَـــلاَةُ اللّٰهِ ثُــمَّ سَلاَمُــهُ
وَتَشْمَلُ أَصْحَابَ الْنَّبِـــيِّ وَآلاَ
Rahmanni Rabbii fi nageenyi isaa sirra haa jiraatu
sahaabota Nabii fi maatii isaas haa dabalatu