قَدْ أَشْرَقَ الْبَدْرُ الْمُنِيرْ
Ji'ni guutuun ifaan ba'eera.
Om
قَدْ أَشْرَقَ الْبَدْرُ الْمُنِيرْ
بِمَوْلِدِ الْهَـادِي الْبَشِيـرْ
Addeessi ibsu ba'ee jira
Mawlida Qajeelchaa, gammachiisaatiin
أَهْلاً وَسَهْلاً بِالْإِمَامْ
الْمُصْطَفَى بَـدْرِ الْتَّمَـامْ
Bagga nagaan dhufte yaa Imaama
Filatamaa, addeessa guutuu
شَفِيعِنَا يَوْمَ الْزِّحَـامْ
أَرْسَلَـهُ الْـرَّبُّ الْقَدِيـرْ
Araarsituu keenya guyyaa dhiphuu
Gooftaa danda'aadhaan kan ergaman
قَدْ أَشْرَقَ الْبَدْرُ الْمُنِيرْ
بِمَوْلِدِ الْهَـادِي الْبَشِيـرْ
Addeessi ibsu ba'ee jira
Mawlida Qajeelchaa, gammachiisaatiin
بُشْرَى لَنَا نِلْنَا الْمَرَامْ
بِطَـهَ مُعْتَلِـى الْمَقَـامْ
Gammachuun nuuf ta'e fedhii keenya arganne
Xaahaa, isa sadarkaa ol-aanaa qabuun
شَرَّفَـهُ رَبُّ الْأَنَـامْ
فَلَـمْ يَكُـنْ لَـهُ نَظِيـرْ
Gooftaan uumamaa isa kabajeera
Fakkaataa kan hin qabne ta'e
قَدْ أَشْرَقَ الْبَدْرُ الْمُنِيرْ
بِمَوْلِدِ الْهَـادِي الْبَشِيـرْ
Addeessi ibsu ba'ee jira
Mawlida Qajeelchaa, gammachiisaatiin
يَا ذَا الْجَلَالِ يَا مُجِيبْ
عَبْدٌ دَعَـاك لَا يَخِيـبْ
Yaa Abbaa guddinaa, yaa Awwaataa
Gabrichi si waame hin hoongayu
بِحُرْمَةِ الْنَّبِيِّ الْحَبِيبْ
يَسِّرْ لَنَا الْأَمْـرَ الْعَسِيـرْ
Kabaja Nabiyyii jaallatamaatiin
Nuuf laaffisi dhimma jabaa hunda
قَدْ أَشْرَقَ الْبَدْرُ الْمُنِيرْ
بِمَوْلِدِ الْهَـادِي الْبَشِيـرْ
Addeessi ibsu ba'ee jira
Mawlida Qajeelchaa, gammachiisaatiin
أَدْعُوكَ يَا رَبَّ الْأَنَامْ
أَمِتْنَا عَلَى حُسْنِ الْخِتَـامْ
Si waama yaa Gooftaa uumamaa
Nu ajjeesi xumura gaariidhaan
وَأَسْكِنَـا فِي دَارَ الْسَّلَامْ
لِبَاسُنَـا فِيهَـا حَرِيرْ
Mana nageenyaa keessa nu qubsisi
Uffanni keenya achitti hariiriidha
قَدْ أَشْرَقَ الْبَدْرُ الْمُنِيرْ
بِمَوْلِدِ الْهَـادِي الْبَشِيـرْ
Addeessi ibsu ba'ee jira
Mawlida Qajeelchaa, gammachiisaatiin
أَجِبْ دُعَانَا يَا أَحَدْ
وَاسْمَعْ نِدَانَا يَا صَمَدْ
Kadhannaa koo naa awwaadhu yaa Tokkichaa
Waamicha koo dhaga'i yaa hirkannoo hunda
يَا دَائِماً عَلَى الْأَبَـدْ
أَنْـتَ الْمُهَيْمِـنُ الْخَبِيـرْ
Yaa isa bara baraan itti fufu
Si'i Tiksee fi Beekaa hundaas
قَدْ أَشْرَقَ الْبَدْرُ الْمُنِيرْ
بِمَوْلِدِ الْهَـادِي الْبَشِيـرْ
Addeessi ibsu ba'ee jira
Mawlida Qajeelchaa, gammachiisaatiin
أَهْدِي الْتَّحِيَّةْ وَالْسَّلَامْ
لِلْمُجْتَبَـى خَيْرِ الْأَنَـامْ
Nagaa fi nagaun nan dhiyeessa
Filatamaa, caalaa uumamaatiif
والْآلِ وَالْصَّحْبِ الْكِرَامْ
مَا أَمْطَرَ الْمَطْرُ الْغَزِيرْ
Maatii fi saahiboota kabajamoodhaaf
Hamma bokkaan cimaan roobutti