خُذْ مَا صَفَا وَدَعِ الْكَدَر
Waan Qulqullaa’e Fudhu, Kan Boora’e Dhiisi
Om
يَا رَبَّنَا يَا رَبَّنَا
غِثْنَا بِقُرْبِ الـْمُصْطَفَى
Yaa Gooftaa keenya, yaa Gooftaa keenya
dhiheenya Filatamaatiin nu gargaari
وَ ارْحَمْ إِلَهِي ضَعْفَنَا
بِٱلْمُصْطَفَىٰ خَيْرِ ٱلْبَشَرْ
Yaa Gooftaa kiyya dadhabina keenya nuuf maari
Filatamaa, irra caalaa namaatiin
خُذْ مَا صَفَا وَدَعِ الْكَدَرْ
وَكِلِ الْأُمُورَ إلى الْقَدَرْ
Isa qulqulluu fudhadhu xuraawaa dhiisi
dhimmoota hundas gara Murtee (Qadaratti) kenni
مَهْمَا غُلِبْتَ كَمَا أَمَرْ
هَادِي الْوَرَى خَيْرُ الْبَشَرْ
Hamma humni si hirdhatellee akka inni ajajetti hojjedhu
Qajeelchaa uumamaa, irra caalaa namaa
إِنَّ الْأُمُورَ جَرَى بِهَا
قَلَمٌ عَلَى الْلَّوْحِ الْأَغَرْ
Dhugumatti dhimmoonni hundi irratti deemaniiru
Qalama Gabayaa (Lawhii) calaqqisu irratti
فِي سَابِقِ الْعِلْمِ الْقَدِيمْ
مِنْ قَبْلِ إِيجَادِ الْصُّوَرْ
Beekumsa durii keessatti
bifa uumamuu dura
يَا رَبَّنَا يَا رَبَّنَا
غِثْنَا بِقُرْبِ الـْمُصْطَفَى
Yaa Gooftaa keenya, yaa Gooftaa keenya
dhiheenya Filatamaatiin nu gargaari
وَ ارْحَمْ إِلَهِي ضَعْفَنَا
بِٱلْمُصْطَفَىٰ خَيْرِ ٱلْبَشَرْ
Yaa Gooftaa kiyya dadhabina keenya nuuf maari
Filatamaa, irra caalaa namaatiin
وَدَعِ الْهُمُومَ فَإِنَّهَا
يَا صَاحِبِي مَحْضُ الْضَّرَرْ
Yaaddoo dhiisi dhugumatti isheen
yaa saahiba koo miidhaa qulqulluudha
وَاغْنَمْ زَمَانَكَ وَاسْتَرِحْ
مِنْ لَوْ وَلِمْ تَلْقَ الْظَّفَرْ
Yeroo kee fayyadami boqoddus
"osoo" fi "maaliif" irraa, milkoofta
وَارْجِعْ إِلَى اللَّهِ إِذَا
مَالَحَّ خَطْبٌ أَوْ عَصَرْ
Gara Allaah deebi'i yeroo
rakkoon si mudattu yookaan si dhiphistu
وَإِذَا بُلِيتَ بِمِحْنَةٍ
فَاصْبِرْ لَهَا فِيمَنْ صَبَرْ
Yoo qormaataan qoramte
isarratti obsi warra obsan keessaa ta'ii
يَا رَبَّنَا يَا رَبَّنَا
غِثْنَا بِقُرْبِ الـْمُصْطَفَى
Yaa Gooftaa keenya, yaa Gooftaa keenya
dhiheenya Filatamaatiin nu gargaari
وَ ارْحَمْ إِلَهِي ضَعْفَنَا
بِٱلْمُصْطَفَىٰ خَيْرِ ٱلْبَشَرْ
Yaa Gooftaa kiyya dadhabina keenya nuuf maari
Filatamaa, irra caalaa namaatiin
مِنْ كُلِّ بَرٍّ مُوقِنٍ
مُتَوَقِّرٍ عِنْدَ الْغِيَرْ
Nama gaarii dhugoomse hunda irraa ta'i
kan yeroo jijjiiramaa kabajamaa ta'u
وَإِذَا خُصِصْتَ بِنِعْمَةٍ
فَاشْكُرْ مَعَ مَنْ قَدْ شَكَرْ
Yoo qanniidhaan adda baafamte
warra galateeffatan waliin galateeffadhu
لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينْ
تُعْطَ الْمَزِيدَ كَمَا ذَكَرْ
Allaah Gooftaa aalamaatiif
daballiin siif kennama akkuma inni dubbatetti
وَاعْمَلْ لِنَفْسِكَ صَالِحًا
تَنْجُو بِهِ مِنْ كُلِّ شَرْ
Lubbuu keetiif hojii gaarii hojjedhu
kanaan hamtuu hunda irraa oolta
يَا رَبَّنَا يَا رَبَّنَا
غِثْنَا بِقُرْبِ الـْمُصْطَفَى
Yaa Gooftaa keenya, yaa Gooftaa keenya
dhiheenya Filatamaatiin nu gargaari
وَ ارْحَمْ إِلَهِي ضَعْفَنَا
بِٱلْمُصْطَفَىٰ خَيْرِ ٱلْبَشَرْ
Yaa Gooftaa kiyya dadhabina keenya nuuf maari
Filatamaa, irra caalaa namaatiin
وَتَفُوزُ بِالْحُسْنَى وَبِالْــــ
ــــجَنَّاتِ دَارِ الْمُسْتَقَرْ
Toltuun injifatta akkasumas
Jannata mana tasgabbii keessatti
دَارِ الْبَقَا دَارِ الْنَّعِيمْ
دَارِ الْكَرَامَةِ وَالْنَّظَرْ
Mana barabaraa mana qannii
mana kabajaa fi ilaalchaa
وَأَعِدَّ زَادَكَ لِلْمَعَادْ
مِنْ قَبْلِ يَفْجَاكَ الْحَذَرْ
Galaa kee deebii keetiif qopheeffadhu
osoo wanti sodaatamu si hin dhuufin
فَالْمَوْتُ آتٍ عَنْ قَرِيبْ
وَلَعَلَّ يَوْمَكَ قَدْ حَضَرْ
Dhugumatti duuti dhiyootti dhuftuudha
tarii guyyaan kee dhufeera ta'a
يَا رَبَّنَا يَا رَبَّنَا
غِثْنَا بِقُرْبِ الـْمُصْطَفَى
Yaa Gooftaa keenya, yaa Gooftaa keenya
dhiheenya Filatamaatiin nu gargaari
وَ ارْحَمْ إِلَهِي ضَعْفَنَا
بِٱلْمُصْطَفَىٰ خَيْرِ ٱلْبَشَرْ
Yaa Gooftaa kiyya dadhabina keenya nuuf maari
Filatamaa, irra caalaa namaatiin
يَا رَبُّ أَنْتَ الْمُبْتَغَى
وَالْمُرْتَجَى وَالْمُدَّخَرْ
Yaa Gooftaa Ati barbaadamaadha
abdattamaa fi kuufamaadha
يَا رَبَّنَا فَاسْتُرْ وَسَا
مِحْ أَنْتَ أَكْرَمُ مَنْ سَتَرْ
Yaa Gooftaa keenya nuuf haguugi nuufis dhiisi
Ati irra arjaa warra haguuganiiti
يَا رَبَّنَا وَانْظُرْ إِلَيـْــــ
ـــنَا أَنْتَ أَحْسَنُ مَنْ نَظَرْ
Yaa Gooftaa keenya gara keenya ilaali
Ati irra gaarii warra ilaalaniiti
يَا رَبَّنَا وَاخْتِمْ لَنَا
بِالْخَيْرِ إِنْ حَانَ الْسَّفَرْ
Yaa Gooftaa keenya toltuun nuuf xumuri
yeroo imalli dhiyaatu
يَا رَبَّنَا يَا رَبَّنَا
غِثْنَا بِقُرْبِ الـْمُصْطَفَى
Yaa Gooftaa keenya, yaa Gooftaa keenya
dhiheenya Filatamaatiin nu gargaari
وَ ارْحَمْ إِلَهِي ضَعْفَنَا
بِٱلْمُصْطَفَىٰ خَيْرِ ٱلْبَشَرْ
Yaa Gooftaa kiyya dadhabina keenya nuuf maari
Filatamaa, irra caalaa namaatiin
ثُمَّ الصَّلَاةُ عَلَى الرَّسُولْ
خَيْرِ الْبَرِيَّةِ مِنْ مُضَرْ
Ergamaa irratti salawaanni haa ta'u
irra caalaa uumamaa kan qomoo Mudar irraa ta'an
خَتْمِ الْنَّبِيِّينَ الْكِرَامْ
نِعْمَ الْمَصَابِيحُ الْغُرَرْ
Xumura Nabiyyoota kabajamoo
ibsaa calaqqisoo ta'an irratti
وَآلِهِ وَاصْحَابِهِ
وَالتَّابِعِينَ عَلَى الْأَثَرْ
Maatii fi saahiboota isaanii irrattis
hordoftoota faana isaanii hordofan irrattis
مَا هَبَّتِ الـــنَّسَمَاتُ بِالْــــ
ــــعَرْفِ الْمُعَنْبَرِ في الْسَّحَرْ
Hamma qilleensi bubbisutti
urgaa ambaritiin yeroo bariitti
يَا رَبَّنَا يَا رَبَّنَا
غِثْنَا بِقُرْبِ الـْمُصْطَفَى
Yaa Gooftaa keenya, yaa Gooftaa keenya
dhiheenya Filatamaatiin nu gargaari
وَ ارْحَمْ إِلَهِي ضَعْفَنَا
بِٱلْمُصْطَفَىٰ خَيْرِ ٱلْبَشَرْ
Yaa Gooftaa kiyya dadhabina keenya nuuf maari
Filatamaa, irra caalaa namaatiin
أَوْ غَرَّدَتْ وُرْقُ الْحِمَى
فَوْقَ الْغُصُونِ مِنَ الْشَّجَرْ
Yookaan hamma guungummii gugeetti
damee mukeenii gubbaatti