عَطْفَةً يَا جِيرَةَ ٱلْعَلَمِ
Tola, yaa olloota ardaa kabajamaa.
Om
Om
عَطْفَةً يَا جِيرَةَ ٱلْعَلَمِ
يَا أُهَيْلَ ٱلْجُودِ وَٱلْكَرَمِ
Ilaalcha tolaa yaa ollaa mallattoo sanaa
Yaa maatii qananii fi arjaa
نَحْنُ جِيرَانٌ بِذَا ٱلْحَرَمِ
حَرَمِ ٱلْإِحْسَانِ وَٱلْحَسَنِ
Nuti ollaadha dahoo qulqulluu kana keessatti
Dahoo gaarummaa fi miidhaginaa
نَحْنُ مِنْ قَوْمٍ بِهِ سَكَنُوا
وَبِهِ مِنْ خَوْفِهِمْ أَمِنُوا
Nuti saba achi keessa jiraatanirraayi
Warra sodaarraa achi keessatti nagaya ba'anirraayi
وَبِآيَاتِ ٱلْقُرَانِ عُنُوا
فَٱتَّئِدْ فِينَا أَخَا ٱلْوَهَنِ
Keeyyattoota Qur'aanaatiin dhimman
Nuuf laaffadhu yaa obboleessa dadhabaa
نَعْرِفُ الْبَطْحَا وَتَعْرِفُنَا
وَالصَّفَا وَالْبَيْتُ يَأْلَفُنَا
Bathaa ni beekna isheenis nu beekti
Safaa fi Manni (Ka'abaanis) nu beeku
وَلَنَا الْمُعْلَا وَخَيْفُ مِنَى
فَاعْلَمَنْ هَذَا وَكُنْ وَكُنِ
Nuuf jira Ma'allaa fi Khayfi Minaa
Kana beeki dhugaadhaan hubadhu
وَلَنَا خَيْرُ الْأَنَامِ أَبُ
وَعَلِيُّ الْمُرْتَضَى حَسَبُ
Nuuf jira uumama hunda caalaa kan ta'e abbaadhaaf
Aliyyi al-Murtadaanis qomoo keenya
وَإِلَى السِّبْطَيْنِ نَنْتَسِبُ
نَسَبًا مَا فِيهِ مِنْ دَخَنِ
Gara dhaloota lamaaniitti (Sibtayni) of maxxansina
Hidda dhalootaa kan xurii hin qabne
كَمْ إِمَامٍ بَعْدَهُ خَلَفُوا
مِنْهُ سَادَاتٌ بِذَا عُرِفُوا
Imaamota meeqa booda isaanii dhaalchisani
Isaanirraa dureeyyii kanaan beekaman
وَبِهَذَا الْوَصْفِ قَدْ وُصِفُوا
مِنْ قَدِيمِ الدَّهْرِ وَالزَّمَنِ
Ibsa kanaanis ibsamaniiru
Bara durii kaasee hanga ammaatti
مِثْلِ زَيْنِ الْعَابِدِينَ عَلِي
وَابْنِهِ الْبَاقِرِ خَيْرِ وَلِي
Akka Aliyyi Zaynul Aabidiin
Fi ilma isaa Baaqir kan waliyyii hunda caalu
وَالْإِمَامِ الصَّادِقِ الْحَفِلِ
وَعَلِيٍّ ذِي الْعُلَا الْيَقِنِ
Fi Imaama Saadiq kan amala gaarii qabu
Fi Aliyyi kan ol-aantummaa fi yaqiina qabu
فَهُمُ الْقَوْمُ الَّذِينَ هُدُوْا
وَبِفَضْلِ اللهِ قَدْ سَعِدُوا
Isaan saba qajeelfamaniidha
Tola Rabbiitiinis badhaadhaniiru
وَلِغَيْرِ اللهِ مَا قَصَدُوا
وَمَعَ الْقُرْآنِ فِي قَرَنِ
Rabbi malee waan biraa hin kaayyane
Qur'aana wajjiinis walitti dhufeenya qabu
أَهْلُ بَيْتِ الْمُصْطَفَى الطُّهْرِ
هُمْ أَمَانُ الْأَرْضِ فَادَّكِرِ
Maatii Nabii filatamaa qulqulluu
Isaan dahoo dachii ti beeki hubadhu
شُبِّهُوا بِالْأَنْجُمِ الزُّهْرِ
مِثْلَ مَا قَدْ جَاءَ فِي السُّنَنِ
Urjiiwwan ifanitti fakkeeffamaniiru
Akkuma sunnaa keessatti dhufeen
وسَفِنٌ لِلنَّجَاةِ إِذَا
خِفْتَ مِنْ طُوفَانِ كُلِّ أَذَى
Dooniiwwan bahaati yeroo ati
Sodaattu lolaa balaa hundaarraa
فَانْجُ فِيهَا لَا تَكُونُ كَذَا
وَاعْتَصِمْ بِاللهِ وَاسْتَعِنِ
Isaanitti dhedhi akkas hin ta'in
Rabbi qabadhu gargaarsas gaafadhu
رَبِّ فَانْفَعْنَا بِبَرْكَتِهِمْ
وَاهْدِنَا الحُسْنَى بِحُرْمَتِهِمْ
Gooftaa barakaa isaaniitiin nu fayyadi
Kabajaa isaaniitiin gara gaariitti nu qajeelchi
وَأَمِتْنَا فِي طَرِيقَتِهِمْ
وَمُعَافَاةٍ مِنَ الفِتَنِ
Karaa isaaniirras nu ajjeesi
Shiraa fi qormaata hundaarraa nu eegi
ثُمَّ لَا تَغْتَرَّ بِالنَّسَبِ
لَا وَلَا تَقْنَعْ بِــكَانَ أَبِي
Sanyiidhaan hin dagatamin
Akkasumas 'abbaan koo akkas ture' jettee hin quufin
وَاتَّبِعْ فِي الهَدْيِ خَيْرَ نَبِي
أَحْمَدَ الهَادِي إِلَى السُّنَنِ
Qajeelfama keessatti nabii caalaa hordofi
Ahmad isa gara karaa haqaa nu qajeelchu
فَهُوَ خَتْمٌ لِلنَّبِيِّينَا
وَإِمَامٌ لِلْمُطِيعِينَا
Inni xumura raajotaati
Ajajamtoota hundaafis dura bu'aadha
وَلِساَنٌ لِلْمُجِيبِينَا
يَوْمَ نُودُوا خَيْرَ مُؤْتَمَنِ
Gurguddaa warra deebii kennaniiti
Guyyaa waamamani amanamaa hunda caalu
صَلَوَاتُ اللهِ ذِي الكَرَمِ
تَتَغَشَّى المُصْطَفَى العَلَمِ
Salawaanni Rabbii abbaa arjummaa
Nabii filatamaa mallattoo sana haa uffisu
مَا سَرَى رَكْبٌ إِلَى الحَرَمِ
وَصَبَا صَبٌّ إِلَى سَكَنِ
Hamma geejjibni gara dahoo qulqulluutti imalutti
Hamma jaallataan gara manasaatti hawwutti
وَعَلَى آلِ النَّبِيِّ الكُرَمَا
وَعَلَى أَصْحَابِهِ العُلَمَا
Maatii Nabii arjoomoo irratti
Akkasumas sahaabota isaa beektota irratti
وَعَلَى أَتْبَاعِهِ الحُكَمَا
وَأُولِي الأَلْبَابِ وَالفِطَنِ
Hordofitoota isaa ogeeyyii irratti
Warra sammuu fi hubannoo qaban irrattis