يَا وَاهِبَ الْإِنْسَانِ أَسْبَابَ الْهُدَى
Yaa Kennituu Sababoota Qajeelcha Namaa
Om
يَا وَاهِبَ الْإِنْسَانِ أَسْبَابَ الْهُدَى
يَا مَنْ بِحَمْدِ الْعَالَمِينَ تَفَرَّدَا
Yaa Isa dhala namaaf madda qajeelfamaa laattu
Yaa Isa galata addunyaa hundaatiin kophaa ta’e
لِي عِنْدَ بَابِكَ يَا إِلَهِي دَعْوَةٌ
فِيهَا رَجَاءُ الْعُمْرِ جَاءَ مُجَسَّدَا
Balbala kee biratti yaa Rabbii koo kadhaan qaba
Kan abdiin umurii koo keessatti bifa godhate
أَنْتَ الَّذِي مَا خَابَ عِنْدَكَ سَائِلٌ
أَيَكُونُ بَابُكَ دُونَ سُؤْلِي مُؤْصَدَا
Ati Isa kadhataan si biratti harka duwwaa hin deebinedha
Sila balballi kee kadhaa koo duraa ni cufamaa?
فَبِفَضْلِكَ اللَّهُمَّ عِشْتُ مُوَحِّدا
أَيُرَدُّ عِنْدَكَ مَنْ أَتَاكَ مُوَحِّدَا
Tola keetiin yaa Allaah tokkummaa kee amaneen jiraadhe
Namni tokkummaa kee amanee sitti dhufe ni deebifamaa?
سُؤْلِي كَذَاتِكَ وَاحِدٌ فَبِحَقِّهَا
لَوْ لَحْظَةً دَعْنِي أُشَاهِدَ أَحْمَدَا
Kadhaan koo akkuma Zatii keetii tokkodha, haqaan isheetiin
Mee libsuu ijaa tokkoofis ta’u Ahmadiin na agarsiisi