Om
صَلَاةُ اللّٰه سَلَامُ اللّٰه
عَلَىٰ طٰهٰ رَسُولِ اللّٰه
Rahmabaasii fi Nageenyi Rabbii
Xaahaa Ergamaa Rabbii irratti haa ta’u
صَلَاةُ اللّٰه سَلَامُ الله
عَلَىٰ يٰسٓ حَبِيبِ الله
Rahmabaasii fi Nageenyi Rabbii
Yaasiin Jaallatamaa Rabbii irratti haa ta’u
تَوَسَّلْنَا بِبِسْمِ الله
وَبِالْهَادِي رَسُولِ الله
Maqaa Rabbiitiin wasiila godhanne
Akkasumas qajeelchaa Ergamaa Rabbiitiin
وَكُلِّ مُجَاهِدٍ لِلّٰه
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Qabsaawaa hunda kan Rabbii ta’eeniis
Warra Badriitiin yaa Allah
إِلَهِي سَلِّمِ الْأُمَّةْ
مِنَ الْآفَاتِ وَالنِّقْمَةْ
Gooftaa koo ummata kana nagaa baasi
Balaa fi haloo bahannaa hunda irraa
وَمِنْ هَمٍّ وَمِنْ غُمَّةْ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Yaaddoo fi gadda hunda irraas
Warra Badriitiin yaa Allah
إِلَهِي نَجِّنَا وَاكْشِفْ
جَمِيعَ أَذِيَّةٍ وَاصْرِفْ
Gooftaa koo nu baasi nuufis saaqi
Miidhaa hunda nuurraas deebisi
مَكَائِدَ الْعِدَا وَالْطُفْ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Toftaa diinotaa fageessi nuuf laaffisi
Warra Badriitiin yaa Allah
إِلَهِي نَفِّسِ الْكُرَبَا
مِنَ الْعَاصِينَ وَالْعَطْبَا
Gooftaa koo dhiphuu nuurraa furi
Cubbuu hojjattootaa fi badii irraa
وَكُلِّ بَلِيَّةٍ وَوَبَا
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Balaa hunda fi dhukkuba daddarbaa irraas
Warra Badriitiin yaa Allah
فَكَمْ مِنْ رَحْمَةٍ حَصَلَتْ
وَكَمْ مِنْ ذِلَّةٍ فَصَلَتْ
Rahmanni meeqatu argame
Salphina meeqatu nuurraa cite
وَكَمْ مِنْ نِعْمَةٍ وَصَلَتْ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Qananiin meeqatu nu ga'e
Warra Badriitiin yaa Allah
وَكَمْ أَغْنَيْتَ ذَا الْعُمْرِ
وَكَمْ أَوْلَيْتَ ذَا الْفَقْرِ
Nama umrii qabu meeqa soomsite
Hiyyeessa meeqaafis meeqa laatte
وَكَمْ عَافَيْتَ ذَا الْوِزْرِ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Nama cubbuu qabu meeqa fayyisite
Warra Badriitiin yaa Allah
لَقَدْ ضَاقَتْ عَلَى الْقَلْبِ
جَمِيعَ الْاَرْضِ مَعَ رَحْبِ
Onneen dhiphattee jirti
Akka bal'ina ishiitti dachiin marti
فَانْجُ مِنَ الْبَلَا الصَّعْبِ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Balaa jabaa irraa nu oolchi
Warra Badriitiin yaa Allah
أَتَيْنَا طَالِبِي الرِّفْقِ
وَجُلِّ الْخَيْرِ وَالسَّعْدِ
Nutoo laaffina barbaacha dhufne
Akkasumas gaarii hunda fi milkaa'ina
فَوَسِّعْ مِنْحَةَ الْأَيْدِي
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Kennaa harkaa nuuf bal'isi
Warra Badriitiin yaa Allah
فَلَا تَرْدُدْ مَعَ الْخَيْبَةْ
بَلِ اجْعَلْنَا عَلَى الطَّيْبَةْ
Kasaaraa wajjiin nu hin deebisin
Garuu toltuu irratti nu taasisi
أَيَا ذَا الْعِزِّ وَالْهَيْبَةْ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Yaa abbaa ulfinaa fi guddinaa
Warra Badriitiin yaa Allah
وَإِنْ تَرْدُدْ فَمَنْ نَأْتِي
بِنَيْلِ جَمِيعِ حَاجَاتِي
Yoo nu deebiste eenyuun dhufna
Fedhii keenya hunda guuttachuuf
أَيَا جَالِي الْمُلِمَّاتِ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا الله
Yaa furduu dhiphuu jajjabaa
Warra Badriitiin yaa Allah
إِلَهِي أَغْفِرْ وَأَكْرِمْنَا
بِنَيْلِ مَطَالِبٍ مِنَّا
Gooftaa koo nuuf araarami nu kabaji
Fedhii keenya nuuf guutuudhaan
وَدَفْعِ مَسَاءَةٍ عَنَّا
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا اَللّٰه
Hamtuu hunda nuurraa deebisuudhaan
Warra Badriitiin yaa Allah
إِلَهِي أَنْتَ ذُو لُطْفٍ
وَ ذُو فَضْلٍ وَ ذُو عَطْفٍ
Gooftaa koo ati abbaa gaarummaati
Abbaa tolaa fi abbaa gara-laafinaati
وَكَمْ مِنْ كُرْبَةٍ تَنْفِي
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا اَللّٰه
Dhiphuu meeqa kan ati dhabamsiiftu
Warra Badriitiin yaa Allah
وَصَلِّ عَلَى النَّبِي الْبَرِّ
بِلَا عَدٍّ وَلَا حَصْرٍ
Nabiyyii tolaa irratti Rahmata buusi
Kan lakkoofsa fi daangaa hin qabne
وَآلِ سَادَةٍ غُرٍّ
بِأَهْلِ الْبَدْرِ يَا اَللّٰه
Maatii fi gooftolii kabajamoo irrattis
Warra Badriitiin yaa Allah