الْمُزْدَوِجَةُ الْحَسْنَاءُ فِي الْاِسْتِغَاثَةِ بِأَسْمَاءِ اللهِ الْحُسْنَى
Walaloo Bareedduu Maqaalee Allaah Isaan Bareedoo Ta’aniin Gargaarsa Barbaaduu Keessatti
Om
Om
الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي تَحَمَّدَا
كَلَّمَ مُوسَى وَاصْطَفَى مُحَمَّدَا
Galanni kan Allaah kan yeroo hunda faarfamee dha
Kan Muusaatti dubbate, Muhammadinis filate
ثُمَّ الْصَّلَاةُ وَالْسَّلَامُ تُهْتَدَى
لِخَيْرِ مُرْسَلٍ هَدَى وَسَدَّدَا
Ergamaa gaarii qajelchee fi dhugoomeef
Rahmanni fi nagaan kennaa ta'ee haa bu'u
وَالْآلِ وَالْصَّحْبِ وَمَنْ يَهْدِينَا
Maatii fi hiriyoota isaa akkasumas qajeelchituu keenyarrattis
بِاسْمِ الْإِلَهِ وَبِهِ بَدِينَا
وَلَوْ عَبَدْنَا غَيْرَهُ شَقِينَا
Maqaa Allaah’tiin, Isumaanis jalqabne
Odoo kan biroo gabbarree silaa hiraamne
يَا حَبَّذَا رَبًّا وَحَبَّ وَدِينَا
وَحَبَّذَا مُحَمَّدٌ هَادِينَا
Gooftaa akkamii, jaalala akkamii, amantii akkamii
Muhammad qajeelchaan keenya akkam bareeda
لَوْلَاهُ مَا كُنَّا وَلَا بَقِينَا
Odoo inni hin jirre, nutis hin jiraannu, hin hafnu
الْلَّهُمَّ لَوْلَا أَنْتَ مَا اهْتَدَيْنَا
وَلَا تَصَدَّقْنَا وَلَا صَلَّيْنَا
Yaa Allaah, odoo Ati hin jirre hin qajeellu turre
Sadaqaas hin laannu, hin salannus turre
فَأَنْزِلَنْ سَكِينَةً عَلَيْنَا
وَثَبِّتِ الْأَقْدَامَ إِنْ لَا قَيْنَا
Tasgabbii nurra buusi
Yoo diinaan wal argine miila keenya nuuf dhaabi
نَحْنُ الْأُ لَى جَاؤُوكَ مُسْلِمِينَا
Nutis warra ajajamuuf gara Keetti dhufnedha
وَالْمُشْرِكُونَ قَدْ بَغَوْا عَلَيْنَا
إِذَا أَرَادُوا فِتْنَةً أَبَيْنَا
Mushrikoonni nurratti darban
Yeroo qormaata fedhan nuti didne
وَقَدْ تَدَاعَى جَمْعُهُمْ عَلَيْنَا
طِبْقَ الْأَحَادِيثَ الَّتِي رَوَيْنَا
Tuunni isaanii nurratti wal waaman
Akka hadiisonni nuti himnu jedhanitti
فَارْدُدْهُمُ الْلَّهُمَّ خَاسِرِينَ
Yaa Allaah, kashlabbeessitee isaan deebisi
اللَّهُ يَا رَحْمَنُ يَا رَحِيمُ
اللَّهُ يَا حَيُّ وَيَا قَيُّومُ
Allaah yaa Ar-Rahmaan yaa Ar-Rahiim
Allaah yaa Al-Hayyu yaa Al-Qayyuun
اللَّهُ يَا قَوِيُّ يَا قَدِيمُ
اللَّهُ يَا عَلِيُّ يَا عَظِيمُ
Allaah yaa Al-Qawiyyu yaa Al-Qadiim
Allaah yaa Al-Aliyyu yaa Al-Aziim
لَا يَنْبَغِي لِلْظُّلْمِ أَنْ يَعْلُونَا
Jal’inni nurra akka aanu hin malle
اللَّهُ يَا لَطِيفُ يَا عَلِيمُ
اللَّهُ يَا رَؤُوفُ يَا حَكِيمُ
Allaah yaa Al-Latiif yaa Al-Aliim
Allaah yaa Ar-Ra’uuf yaa Al-Hakiim
اللَّهُ يَا تَوَّابُ يَا حَلِيمُ
اللَّهُ يَا وَهَّابُ يَا كَرِيمُ
Allaah yaa At-Tawwaab yaa Al-Haliim
Allaah yaa Al-Wahhaab yaa Al-Kariim
هَبْنَا الْعُلَا وَاجْعَلْ عِدَانَا الْدُّونَا
Sadarkaa ol’aanaa nuuf kenni, diina keenya gadi qabi
اللَّهُ يَا مَالِكُ يَا مُنِيرُ
اللَّهُ يَا مَلِيكُ يَا قَدِيرُ
Allaah yaa Maalik yaa Muniir
Allaah yaa Maliik yaa Qadiir
اللَّهُ يَا مَوْلَى وَيَا نَصِيرُ
اللَّهُ أَنْتَ الْمَلِكُ الْكَبِيرُ
Allaah yaa Mawlaa yaa Nasiir
Allaah Ati Mootii Guddaadha
لَيْسَ عِدَانَا لَكَ مُعْجِزِينَا
Diinni keenya Si jalaa hin miliqu
اللَّهُ يَا شَاكِرُ يَا شَكُورُ
اللَّهُ يَا عَفُوُّ يَا غَفُورُ
Allaah yaa Shaakir yaa Shakuur
Allaah yaa Afuwwu yaa Ghafuur
اللَّهُ يَا عَالِمُ يَا خَبِيرُ
اللَّهُ يَا فَتَّاحُ يَا بَصِيرُ
Allaah yaa Al-Aalim yaa Al-Khabiir
Allaah yaa Fattaah yaa Basiir
لَا تَحْرِمْنَا فَتْحَكَ الْمُبِينَا
Mo'icha Kee isa ifa ta’e nu hin dhabsiisin
اللَّهُ يَا ظَاهِرُ يَا جَلِيلُ
اللَّهُ يَا بَاطِنُ يَا وَكِيلُ
Allaah yaa Zaahir yaa Jaliil
Allaah yaa Baatin yaa Wakiil
اللَّهُ يَا صَادِقُ يَا جَمِيلُ
اللَّهُ يَا حَافِظُ يَا كَفِيلُ
Allaah yaa Saadiq yaa Jamiil
Allaah yaa Haafiz yaa Kafiil
كُنْ حَافِظًا لَنَا وَكُنْ مُعِينَا
Nuuf eegduu fi gargaaraa ta’i
اللَّهُ يَا غَنِيُّ يَا حَمِيدُ
اللَّهُ يَا مُغْنِي وَيَا رَشِيدُ
Allaah yaa Ghaniyyu yaa Hamiid
Allaah yaa Mughnii yaa Rashiid
اللَّهُ يَا مُبْدِئُ يَا مُعِيدُ
اللَّهُ يَا عَزِيزُ يَا مَجِيدُ
Allaah yaa Mubdi’u yaa Mu’iid
Allaah yaa Aziizu yaa Majiid
لِعِزِّكَ الْتَّوْحِيدُ يَشْكُو الْهُوْنَا
Guddina Keetiif jedhii, Tokkummaan salphina himata
اللَّهُ يَا قَادِرُ يَا مُقْتَدِرُ
اللَّهُ يَا قَاهِرُ يَا مُؤَخِّرُ
Allaah yaa Qaadir yaa Muqtadir
Allaah yaa Qaahir yaa Mu’akh-khir
اللَّهُ يَا فَاطِرُ يَا مُصَوِّرُ
اللَّهُ يَا مُحْصِي وَيَا مُدَبِّرُ
Allaah yaa Faatir yaa Musawwir
Allaah yaa Muhsii yaa Mudabbir
دَبِّرْ لَنَا وَدَمِّرِ الْعَادِينَا
Nuuf mijeessi, warra nurratti dabranis balleessi
اللَّهُ يَا دَائِمُ لَا يَمُوتُ
اللَّهُ يَا قَائِمُ لَا يَفُوتُ
Allaah yaa Daa’im kan hin duune
Allaah yaa Qaa’im kan homtuu hin jirre
اللَّهُ يَا مُحْيِي وَيَا مُمِيتُ
اللَّهُ يَا مُغِيثُ يَا مُقِيتُ
Allaah yaa Muhyii yaa Mumiit
Allaah yaa Mughiis yaa Muqiit
كُنْ غَوْثَنَا وَحِصْنَنَا الْحَصِينَا
Gargaaraa fi da'oo keenya jabaa ta’i
اللَّهُ يَا بَاسِطُ أَنْتَ الْوَاسِعُ
اللَّهُ يَا قَابِضُ أَنْتَ الْمَانِعُ
Allaah yaa Baasit Ati bal’isaadha
Allaah yaa Qaabid Ati dhowwaadha
اللَّهُ يَا خَالِقُ أَنْتَ الْجَامِعُ
اللَّهُ يَا خَافِضُ أَنْتَ الْرَّافِعُ
Allaah yaa Khaaliq Ati walitti qabaadha
Allaah yaa Khaafid Ati ol kaasaadha
اِرْفَعْ مَعَالِينَا لِعِلِّيِّينَا
Sadarkaa keenya gara ol’aanaatti ol kaasi
اللَّهُ ذُو الْمَعَارِجِ الْرَّفِيعُ
اللَّهُ يَا وَافِي وَيَا سَرِيعُ
Allaah Abbaa sadarkaa ol’aanaa
Allaah yaa Waafii yaa Sarii’u
اللَّهُ يَا كَافِي وَيَا سَمِيعُ
يَا نُورُ يَا هَادِي وَيَا بَدِيعُ
Allaah yaa Kaafii yaa Samii’u
Yaa Nuur yaa Haadii yaa Badii’u
أَدَّبْتَنَا بِمَا جَرَى يَكْفِينَا
Wanti nurra ga’e nu sirreessuuf nu gaha
اللَّهُ ذُو الْجَلَالِ وَالْإِكْرَامِ
اللَّهُ ذُو الْطَّوْلِ عَلَى الْدَّوَامِ
Allaah Abbaa ulfinaa fi arjummaa
Allaah Abbaa qabeenya yeroo hunda jiru
اللَّهُ يَا ذَا الْفَضْلِ وَالْإِنْعَامِ
وَالْسَّيِّدُ الْمِطْلَقُ لِلْأَنَامِ
Allaah yaa Abbaa tolaa fi kennaa
Gooftaa guutuu uumama hundaa
ارْحَمْ عَبَيْدًا لَكَ عَابِدِينَا
Gabroottan kee warra si gabbaran maraaf mararfadhu
اللَّهُ يَا أَوَّلُ أَنْتَ الْوَاحِدُ
اللَّهُ يَا آخِرُ أَنْتَ الْرَّاشِدُ
Allaah yaa Awwal Ati tokkichadha
Allaah yaa Aakhir Ati qajeelchaadha
يَا وِتْرُ يَا مُتَكَبِّرُ يَا وَاجِدُ
يَا بَرُّ يَا مُتَفَضِّلُ يَا مَاجِدُ
Yaa Witru yaa Mutakabbir yaa Waajid
Yaa Barru yaa Mutafaddil yaa Maajid
بِفَضْلِكَ اقْبَلْنَا عَلَى مَا فِينَا
Tola Keetiin, nu keessa wanti jiru jiraatuyyuu nu fudhadhu
اللَّهُ يَا مُبِينُ يَا وَدُودُ
اللَّهُ يَا مُحِيطُ يَا شَهِيدُ
Allaah yaa Mubiin yaa Waduud
Allaah yaa Muhiit yaa Shahiid
اللَّهُ يَا مَتِينُ يَا شَدِيدُ
يَا مَنْ هُوَ الْفَعَّالُ مَا يُرِيدُ
Allaah yaa Matiin yaa jabaa adabaa
Yaa Isa waan fedhe hunda hojjetu
إِنَّا ضِعَافٌ لَكَ قَدْ لَجِينَا
Nuti dadhaboota, gara Keettis baqanne
اللَّهُ يَا مُعِزُّ يَا مُقَدِّمُ
اللَّهُ يَا مُذِلُّ يَا مُنْتَقِمُ
Allaah yaa Mu’izzu yaa Muqaddim
Allaah yaa Muzillu yaa Muntaqim
الْبَادِئُ الْبَاقِي فَلَا يَنْعَدِمُ
الْمُحْسِنُ الْوَالِي الْحَفِيظُ الْأَكْرَمُ
Jalqaba, Isa hafu kan hin badne
Tola oolaa, Bulchaa, Eegaa, akkaan Arjaa
ليسَ لَنَا سِوَاكَ مَنْ يَحْمِينَا
Si malee kan nu eegu hin qabnu
اللَّهُ يَا وَارِثُ أَنْتَ الْأَبَدُ
اللَّهُ يَا بَاعِثُ أَنْتَ الْأَحَدُ
Allaah yaa Waaris Ati barabara
Allaah yaa Baa’is Ati tokkicha
يَا مَالِكَ الْمُلْكِ الْإِلَهُ الْصَّمَدُ
لَا كُفُوءٌ لَا وَالِدٌ لَا وَلَدُ
Yaa mootii moototaa, Waaqa, Samad
Kan qixxee hin qabne, kan hin dhalin, hin dhalatinis
كُفَّ الْعِدَا عَنَّا فَقَدْ أُوذِينَا
Miidhamnee jirraa diina nurraa dhowwi
اللَّهُ يَا غَالِبُ يَا قَهَّارُ
اللَّهُ يَا نَافِعُ أَنْتَ الْضَّارُّ
Allaah yaa Ghaalib yaa Qahhaar
Allaah yaa Naafi’u Ati miidhaadha
اللَّهُ يَا بَارِئُ يَا غَفَّارُ
يَا رَبُّ يَا ذَا الْقُوَّةِ الْجَبَّارُ
Allaah yaa Baari’u yaa Ghaffaar
Yaa Gooftaa, Abbaa humni jabaa
قَوِّمْ لَنَا الْدُّنْيَا وَقَوِّ الْدِّينَا
Addunyaa keenya nuuf tolchi, amantii keenyas jabeessi
اللَّهُ رَبُّ الْعِزَّةِ الْسَّلَامُ
الْمُؤْمِنُ الْمُهَيْمِنُ الْعَلَّامُ
Allaah Gooftaa guddinaa, Salaam
Mu’min, Muhaymin, Allaaaam
ذُو الْرَّحْمَةِ الْأَعْلَى الْأَعَزُّ التَّامُّ
مَنْ دِينُهُ الْحَقُّ هُوَ الْإِسْلَامُ
Abbaa rahmataa, Ol’aanaa, Jabaa, Guutuu
Kan amantiin isaa dhugaa Islaama ta’e
قَيِّضْ لَهُ الْلَّهُمَّ نَاصِرِينَا
Yaa Allaah, gargaartota isaaf qopheessi
اللَّهُ أَنْتَ الْمُتَعَالِي الْحَكَمُ
الْفَرْدُ ذُو الْعَرْشِ الْوَلِيُّ الْأَحْكَمُ
Allaah Ati Ol’aanaa, Murtii kennaadha
Tokkicha, Abbaa Arshii, Maatii, Ogeessa
الْغَافِرُ الْمُعْطِي الْجَوَادُ الْمُنْعِمُ
الْعَادِلُ الْعَدْلُ الْصَّبُورُ الْأَرْحَمُ
Araaramaa, Kennaa, Arjaa, Tola oolaa
Qajeelaa, Haqa, Obsaa, Rahmata-qabeessa
مَكِّنْ لَنَا فِي أَرْضِنَا تَمْكِينَا
Dachii keenya irratti nuuf mijeessi
اللَّهُ يَا قُدُّوسُ يَا بُرْهَانُ
يَا بَرُّ يَا حَنَّانُ يَا مَنَّانُ
Allaah yaa Qudduus yaa Burhaan
Yaa Barru yaa Hannaan yaa Mannaan
يَا حَقُّ يَا مُقْسِطُ يَا دَيَّانُ
تَبَارَكَتْ أَسْمَاؤُكَ الْحِسَانُ
Yaa Haq yaa Muqsit yaa Dayyaan
Maqoonni kee babbaredoon eebbifamoodha
بِهَا قَرَعْنَا بَابَكَ الْمَصُونَا
Isaaniin balbala kee isa eegame rukkunne
اللَّهُ يَا خَلَّاقُ يَا مُنِيبُ
اللَّهُ يَا رَزَّاقُ يَا حَسِيبُ
Allaah yaa Khallaaq yaa Muniib
Allaah yaa Razzaaq yaa Hasiib
اللَّهُ يَا قَرِيبُ يَا رَقِيبُ
الْمُسْتَعَانُ الْسَّامِعُ الْمُجِيبُ
Allaah yaa Qariib yaa Raqiib
Kan gargaarsi irra barbaadamu, Dhaga’aa, Deebisaa
إِنَّا دَعَوْنَاكَ اسْتَجِبْ آمِينَا
Sitti lallabnee jirra, nuuf deebisi, Aamiin