طَابَ لِي خَلْعُ عِذَارِي
Of-lakkisuun koo natti tole
Om
طَابَ لِي خَلْعُ عِذَارِي
فِي هَوَى الْبَدْرِ الْتَّمَامْ
Qaanii gatuun naaf toleera
jaalala ji'a guutuu keessatti
بِافْتِقَارِي وَانْكِسَارِي
أَرْتَجِيْ نَيْلَ الْمَرَامْ
Hiyyummaa fi cabiinsa kootiin
galma koo gahuun abdadha
يَا عَذُوْلِي لَا تَلُمْنِي
مَا عَلَى الْعَاشِقُ مَلَامْ
Yaa qeequ koo na hin komatin
jaallataa irratti komiin hin jiru
اُدْنُ مِنِّي وَارْوِ عَنِّيْ
أَنَا فِي الْعِشْقِ إِمَامْ
Natti dhihaadhu ana irraa gabaasi
ani jaalala keessatti dura-bu'aadha
خَمْرَةُ الْأَحْبَابِ تُجْلَ
هِيَ حِلٌّ لَا حَرَامْ
Daadhii jaallattootaatu dhangala'a
inni eeyyamamaadha dhorkaa miti
مِنْ عُيُونِ الْعِيْنِ تُمْلَى
صَانَهَا الْبَرُّ الْسَّلَامْ
Madda ijaatiin guutama
Kan Tola-oolee fi Nagaya ta'etu isa eege
يَا أَخَا الْأَشْوَاقِ يَمِّمْ
سَيِّدَ الْرُّسْلِ الْكِرَامْ
Yaa obboleessa hawwii fuulleffadhu
gara gooftaa ergamtoota kabajamoo
وَاغْنَمِ الْذِّكْرَ وَزَمْزِمْ
بِصَلَاةٍ مَعْ سَلَامْ
Faaruu buufadhuu weeddisi
salawaataa fi nageenya irratti buusi
لِحَبِيْبِ الله أَحْمَدْ
كُلَّمَا جَنَّ الْظَّلَامْ
Jaallatamaa Allah Ahmadiif
yeroo halkan dukkanni uffisutti
كُلُّ مَنْ وَالَاهُ يَسْعَدْ
وَيَنَالْ حُسْنَ الْخِتَامْ
Namni isa jaallate hundi ni gammada
xumura gaariis ni argata