اَلـلَّـهُ يَـا اَلـلَّـه صَـلَّـى عَـلَـى الـزَّيْـن
Yaa Allaah Yaa Allaah, Bareedicha irratti rahmata buusi.
Om
اَلـلَّـهُ يَـا اَلـلَّـه
صَـلْـوا عَـلَـى الْـزَّيْـنِ
Allaah yaa Allaah
Bareedicha irratti salawaata buusaa
طَـاطَـا الْـقَـمَـرْلِأَحْـمَـد
وَانْـشَـقَّ نِـصْـفَـيْـنِـى
Ji'i Ahmadiif ni ajajame
Bakka lamatti addaan dhoo'e
أَبُـو بَـكْـرُ يَـا صِـدِّيـقْ
صَـاحِـبِ الْـنَّـبِـى وَرَفِـيـق
Yaa Abuu Bakrii yaa Siddiiq
Hiriyyaa fi michuu Nabiyyii
بِرُوحُهْ فَدَاهْ فِي الضِّيقْ
مِـنْ لَـدْغَـةِ الْـنِّـيـنِـى
Lubbuu isaatiin dhiphuu keessatti isa fure
Hiddannaa bofaatiif obse
لَـمَّـا عُـمَـرْ أَسْـلَـم
فَـرِحَ الْـنَّـبِـى وَتَـبَـسَّـم
Yeroo Umar Islaamummaa fudhate
Nabiyyiin ni gammade ni seeqes
تَـبَـاشَـرَ الْإِسْـلَام
بِـدُخُـولِـهْ فِـي الْـدِّيـنِـى
Amantiin Islaamaa ni gammade
Gara amantiitti seenuu isaatiin
عُـثْـمَـانُ يَـا عُـثْـمَـان
يَـا جَـامِـعَ الْـقُـرْءَان
Yaa Usmaan yaa Usmaan
Yaa sassaabaa Quraanaa
صِـهْـرِ الْـنَّـبِـى الْـعَـدْنَـان
زَوَّجَـهُ بِـنْـتَـيْـنِـى
Soddaa Nabii sanyii Adnaan
Kan intaloota isaa lamaan itti heerumsiise
عَـلِـىُّ يَـا كَـرَّار
سَـيْـفُـكَ طَـوِيـل بَـتَّـار
Yaa Aliyyii yaa goota jagnaa
Garaantee kee dheeraa fi qaraa dha
يَـا هَـازِمَ الْـكُـفَّـار
قَـتَـلَ الْـمَـلَاعِـيـنِـى
Yaa mo'ataa kaafirtootaa
Kan abaaramtoota ajjeese
جَـاتُـهْ الْـمُـرَبِّـيَـةْ
حَـلِـيـمَـةْ الْـسَّـعْـدِيَّـة
Guddiftuun isaa gara isaa dhufte
Haliimaa as-Sa'diyyaa
قَـالَـتْ وَهَـبُـوةْ لِـيَـا
يَـا رَبِّ هَـنِّـيـنِـى
"Anaaf isa kenni" jette
"Yaa Gooftaa koo na gammachiisi"
جَـالُـه الْـجَـمَـل جَـالُـه
يَـزْحَـف عَـلَـى عِـقَـالُـه
Gaalli gara isaa dhufe
Funyoo isaa lafatti harkisaa
لَـمَّـا جَـالُـه جَـمَـالُـه
سَـلِّـم عَـلَـى الـزَّيْـنِـى
Yeroo bareedina isaa argu
Bareedicha irratti nagaa buuse