وَاصَلُونِي بَعْدَ بُعْدِي
Fageenya koo booda na qunnaman.
Om
Om
وَاصَلُونِي بَعْدَ بُعْدِي
وَرَعُوا سَالِفَ عَهْدِي
Erga fageenya kootii natti dhihaatan
kakuu koo isa duriis naaf eegan
وَعلَى رَغْمِ الْحَسُودِ
أَنْجَزُوا بِالْوَصْلِ وَعْدِي
Jibbitoota utuu hin filatin
waadaa tokkummaa naaf guutan
يَا سُرُورْي بالَّتدَاني
يَا هَنَا حَظِّي وَسَعْدِي
Ya gammachuu koo dhiheenya kanaan
ya carraa gaarii fi hiree koo kaniin gammadu
جَادَ لِي بَدْرِي بِوَصْلِ
يا هَنَائِي نِلْتُ قَصْدِي
Addeessi koo wal-argiinsaan na badhaase
ya gammachuu koo galma koo gaheera
فَاجْتَمِعْ يَا مَاءَ عَيْني
وانْطَفِي يَا نَارَ وَجْدِي
Ya imimmaan ija koo walitti qabami
ya ibidda jaalala koo dhaami
أَنَا فِي لَيْلَةِ أُنْسِي
قَدْ صَفَا مَوْرِدُ وِرْدِي
Ani halkan dhiheenyaa fi bashannanaa keessan jira
burqaan dhugaatii koo qulqullaayeera
وَتَناولْتُ كُؤُوسي
بَين رَيْحَانٍ وَوَرْدِ
Xoofoo jaalala koo fudhadheera
shittoo raayhaanii fi wardii gidduutti
مِنْ يَدَيْ حُلْوِ الْتثَنيِّ
فَاتِنٍ أَهْيَفِ قَدِّ
Harkaa isa mudhii qal'aa fi miidhagaa irraa
kan nama hawwatuu fi bifa qaxnee qabu irraa
تَارَةً يُنْشِدُ خُذْ كَاسِي
وَطَوْراً هَاكَ خَدِّي
Al-tokko "xoofoo koo fudhu" jedhee weellisa
yeroo biraas "kunoo maddii koo" naan jedha
إِنْ أَقُلْ يَا أَلْفَ مَوْلَى
قَالَ لِي يَا أَلْفَ عَبْدِي
Yoo ani "ya gooftaa koo kumaatama" jedhe
inni immoo "ya garbicha koo kumaatama" naaf jedha
أَوْ سَقَى الْمَمْزُوجَ غَيْرِي
خَصَّنِي بالْصِّرْفِ وَحْدِي
Namoota birootiif makamaa yoo obaase
ana qofaaf isa qulqulluu naaf filate
في هَوَاهُ دَعْ مَلاَمِي
وَاطْرِحْ غَييِّ وَرُشْدِي
Jaalala isaa keessatti komii koo dhiisi
dogoggoraa fi qajeelfama koo hunda gadi dhiisi
نَارُ وَجْدِي في هَوَاهُ
كَنَعِيمِ الْخُلدِ عِنْدِي
Ibiddi jaalala isaa kan na gubbu
anaaf akka qananii jannata baraabaraati