ْيَاجَمَالُه
Oh, How Beautiful He Is!
Om
آه يَا جَمَالُه يَا جَمَالُهْ
سِيدْنَا النَّبِى يَا جَمَالُهْ
Yaa bareedina isaa, yaa miidhagina isaa!
Yaa bareedina isaa, yaa miidhagina isaa!
سِيدْنَا النَّبِى يَا جَمَالُهْ
Gooftaa keenya Nabiyyicha, yaa bareedina isaa!
كَحِيلُ الطَّرْفِ حَبِيبِي لَوْ تَرَاهُ
ضَحُوكُ السِّنِّ لِلْعَاشِقِ رَمَاهُ
Jaalalleen koo ija kuulamaadha, otoo isa argitee!
Seeqa isaa kanaan jaallataa maraachee kuffise
بَهِيُّ الطَّلْعَةْ فَالْمَوْلَى اصْطَفَاهُ
وَكُلُّ الْخَلْقِ أَنَارَ بِنُورِ طه
Bifa calaqqisaadha, Gooftaan isa filateera
Uumamni hundi ifa Xaahaatiin calaqqise
وَلَا ظِلُّ لَهُ بَلْ كَانَ نُوْرَا
تَنَالَ الشَّمْسُ مِنْهُ هُوَ الْبُدُوْرَ
Gaaddidduu hin qabu, inni ifuma ture
Aduun ifa isaa irraa argatti, inni addeessa guutuudha
وَلَمْ يَكُنِ الْهُدَى لَوْلَاهُ ظُهُوْرَا
وَ كُلُّ الْكَوْنِ أَنَارَ بِنُوْرِ طَــــــهَ
Otoo inni hin jiraannee qajeelumni hin mul’atu ture
Addunyaan hundi ifa Xaahaatiin ibsame
وَكَفُّ الْمُصْطَفَى كَالْوَرْدِ نَادِى
وَعِطْرُهَا يَبْقَى إِذَا مَسَّتْ أَيَادِى
Gofee harki Mustafaa akka wardii jiidhaadha
Urgooftuun isaas harka tuqe irratti hafa
وَعَمَّ نَوَالُهَا كُلَّ الْعِبَادِ
حَبِيبُ اللهِ يَا خَيْرَ الْبَرَايَا
Arjummaan isaa gabroota hunda bira ga'e
Jaalallee Allaah, yaa filatamaa uumamaa!
وَرِيقُ الْمُصْطَفَى يَشْفِي الْعَلِيلَ
وَعَيْنُ قَتَادَةَ خُذْهَا دَلِيلًا
Gorora Mustafaatu dhukkubsataa fayyisa
Ija Qataadaa akka ragaatti haa fudhatamu
تَفَلَ فِي الْبِئْرِ أَضْحَتْ سَلْسَبِيلًا
وَصَارَ لِصَحْبِهِ شَهْدًا مُدَامًا
Eela keessatti tufuun madda yaatu taasise
Sahabaa isaatiif damma mi’aawaa itti fufaa ta’e