لِغَيْرِ جَمَالِكُمْ نَظَرِي حَرَامُ
Bareedina keessan malee ilaalchi koo haraama.
Om
لِغَيْرِ جَمَالِكُمْ نَظَرِي حَرَامُ
وَغَيْرُ كَلَامُكُمْ عِنْدِي كِلَامُ
Bareedina keessan malee ilaaluun anatti haraama
Jecha keessan malees natti dubbiin dubbii miti
وَعُمْرُ الْنَّسْرِ مِنْكُمْ بَعْضُ يَوْمٍ
وَسَاعَةُ غَيْرِكُمْ عَامٌ فَعَامُ
Umriin risaa isiniin guyyaa gariidha
Sa'aatiin warra biraa immoo waggaa irraa waggaatti dheeratti
وَصَبْرِي عَنْكُمُ شَيْءٌ مُحَالٌ
وَمَا لِي قَاتِلٌ إِلَّا الْفِطَامُ
Isin malee obsuun waan hin danda'amnedha
Adda ba'uu malee wanti na ajjeesu hin jiru
إِذَا عَايَنْتُكُمْ زَالَتْ هُمُومِيْ
وَإِنْ غِبْتُمْ دَنَا مِنِّيْ الْحِمَامُ
Yommuun isin argu yaaddoon koo ni deema
Yoo isin fagaattan garuu duuti natti dhiyaata
أَوَدُّ بِأَنْ أَكُونَ لَكُمْ جَلِيسًا
وَتُنْصَبَ لِي بِرَبْعِكُمُ خِيَامُ
Isinii wajjin ta'ee taa'uu nan hawwa
Dirree keessan keessatti dunkaanni naaf haa dhaabamu
فَدَاوُوا بِالْوِصَالِ مَرِيضَ هَجْرٍ
يَهِيمُ بِكُمْ إِذَا سَجَعَ الْحَمَامُ
Dhukkubsataa fageenyaa qunnamtiidhaan wal'aanaa
Kan yommuu gugeen iyyitu isiniif maraatu
حَدِيثُ غَرَامِهِ فِيكُمْ قَدِيمٌ
وَمَلْبَسُهُ مِنَ الْحُبِّ الْسِّقَامُ
Seenaan jaalala isaa isiniif qabu duriidha
Uffanni inni jaalala irraa uffates dhukkubadha
فَأَنْتُمْ فِي الْأُصُولِ أَجَلُّ أَصْلٍ
إِذَا شِئْتُمْ تَحَصَّلَ لِي الْمَرَامُ
Isin hundeewwan keessaa hundee hundumaa oliiti
Yoo isin feetan kaayyoon koo naaf milkaa'a
بِكُمْ صَعْبُ الْأُمُورِ يَعُودُ سَهْلًا
فَبِالْإِحْسَانِ جُودُوا يَا كِرَامُ
Isiniin dhimmi jabaan hundi salphaa ta'a
Arjummaa keessaniin arjoomaa yaa warra kabajamoo
وَلَيْسَ سِوَاكُمُ لِلْجُودِ أَهْلًا
فَكَيْفَ نَزِيلُ سُوحِكُمُ يُضَامُ
Isin malee eenyullee arjoomaaf hin malle
Akkamitti keessummaan dirree keessanii miidhama?